Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo.

ONM-ABO Hagayya 16,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu itti fufuun diina du’aa fi madoon adabaa jira.

Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBOn giddu galeessa Oromiyaa baha Shaggaar keessa sosso’u aanaa Dugdaa Booraa magaala Maqii keessatti tarkaanfii diina irraatti fudhateen Injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Halkan dheengaddaa Hagayya 14, 2022 magaala Maqii waajjira poolisii aanaa Dugdaatti seenuun gootichi onnee sibiilaa WBOn tarkaanfii fudhateen waajjira keessa qubaatanii turan keessaa 5 ajjeesuun 3 madoon adabee waajira keessaa ari’ee baaseera.

Tarkaanfii laalessaa yeroo sanatti fudhateen WBOn meeshaa waraanaa dabalatee wantoota waajjira keessa jiran dhuunfateera.

Akka kanaanis qawwee AKM 9 rasaasa kilaashii 270 waliin mooraa diinaa keessaa dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa godina Bunnoo Beddellee keessatti waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhachuu itti fufuun mooraa isaanii bakka sadii irraa buqqisee jira.

Lola kaleessa Hagayya 15,2022 godina Bunnoo Beddellee ona Daaboo Aannaa magaalota sadii kanneen akka Cawwaaqaa 1ffaa, Tuulamaa fi Daaboo keessatti geggeeffameen mooraa ishee keessaa olii fi gadi kaachisee buqqaasee jira.

Lola guyyaa kaleessaa ona Daaboo Aannaa keessatti WBOn geggeesseen waraanni diinaa 100 ol yoo ajjeefaman 55 madaa’anii jiru.
Gama meeshaatiin qawween AKM 35, rasaasa AKM 800, PKM 350, Saanduqa dishqaa tokko rasaasa 85 waliinii fi meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa booji’uun injifannoo boonsaa gonfatee jiraachuu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo beeksisee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuu itti fufuun Kibbaa Bahaa Oromiyaa godinaa Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti har’a ganama Hagayya 16/2022 Cibraan Hambaa Aanoolee Barii baraqaan lukkeellee diinaatti haxxee hidhuun du’aa fi madoon adabee jira.

Diina irraa hiikuun hidhannee qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ni geenya!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version