Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhatu tti fufuun diina du’aa fi madoon adabee jira.
Haala kanaanis korommiin ilmaan Oromoo WBOn zoonii lixaa godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu magaalaa Karra Waayyuu keessatti kaleessa Hagayya 22,2022 mooraa waraana faashistii Abiy Ahimeditti ganamaan seenuun tarkaanfii fudhateen Injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haleellaa laalessa leencotni ilmaan Oromoo waraana weerartuu PP irratti rasaasa akka bokkaa itti roobsuun baarudaan macheessee mooraa keessa oliif gadi kaachisuun fudhateen battalatti 15 ajjeesee 9 madeessee jira.
Tarkaanfii kanaan waraana diinaa irraa qawwee AKM Turkii 2 fi , hidhannoo waraanaa dhuunfachuun qabeenya ishee mooricha keessaa irratti tarkaanfii fudhachuun deebi’ee jira.
Abdii fi wonteen ummata oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Sokoraa Jiidee iddoo addaa Biyyee Diimtuu jedhamutti Hagayya 22,2022 tarkaanfii akkaan guggubduu waraana bilxiginnaa irratti fudhateen loltoota PP 6 battalatti yoo ajjeesu 4 madeessee jira.
Ammas guyyuma sana aanaa Waadara ganda Handoyaa Haroo iddoo addaa Markaatoo jedhamutti tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota PP 10 battalatti yoo ajjeesu 7 ammoo madeessee jira.
Korommiin kibba Oromiyaa dirree aadaa fi seenaa Oromoo tarkaanfii isaanii ittuma fufuun cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Gambeello iddoo addaa Dibbee Hadheessaa jedhamutti tarkaanfii waraana PP irratti fudhateen 7 battalatti yoo ajjeesu 11 madeesse jira.
Kana malees goototni ilmaan sabaa WBOn kibba Oromiyaa godina Gujii Bahaa keessatti har’a ganama Hagayya 23/2022 Cibraan Laga Dambii aanaa Sabbaa Boruu ganda Utuluu bariin itti cabsuun tarkaanfii cimaa woraana garboonfataa irratti fudhateen loltoota PP 8 battalatti yoo ajjeesu 5 madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Irree fi abdiin Uummata Oromoo qeerransichi jajjabee Zoonii Giddugalaa aanaalee Dirree Incinnii, Jibaatii fi Ammayyaatti guyyoota lamaan darban diina ari’ee adabaa ture.
Hagayya 21,2022 faashistoonni Abiy uummata hiraarsuuf bobba’an aanaalee Ammayyaa, Jibaatii fi Dirree Incinniitti yeroo wal fakkaataatti sochii godhan bakka adda addaatti rukutamuun of duuba deebi’anii jiru.
Aanaa Jibaat ganda Moluu Faallee magaalaa Areereetii kan yaate faashistoonni aanaa Jibaat aanaa Dirree Incinnii ganda Buuyyamaa Roggeetii qabeenya uummataa saamanii uummata hedduu qabanii osoo deebi’anii jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo duubaan itti dhufuun bakakkaa itti buusuun qabeenya gachisiisanii namoota qabamanii deemanis gadhiisisanii jiru.
Kana malees humna diina hedduushe haleeluun 15 du’aan akkasumas 6 madoon adabee jira.
Humni faashistii Aanaa Ammayyaati yaa’uun gara Dirree Incinniitti bobbaate daangaa Dirree Incinnii fi Ammayyaa bakka addaa Qaaqee jedhamutti jajjabeen rasaasaan akaawuun baarudaan macheessee 17 ol du’aan yoo adabu 11 madoo taasiseera.
Faashistoonni PP aanaa Dirree Incinnii qubsuma garaagaraa irraa yaates WBO alaalatti yoo argitu dheessuun gara mooraa qubsuma isheetti deebitee jirti.
Goorichi Waraana Bilisummaa Oromoo zooniilee waraanaa cufa keessatti diina kokkee qabee kukuffisaa akka jiru ni beekama
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga Bilisummaa fi Walabummaatti itti fufa!
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon uummata Oromoof!

