Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 9, 2022
ONM-ABO Hagayya 9, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn tarkaanfii akkaan guggubduu waraana faashistii PP irratti fudhachuun du’aa fi madoon adulabuu itti fufee jira.
Akka kanaanis abdii fi gaaddisni saba Oromoo waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa Buttaan Eebantuu godina wallaggaa Bahaa Aanaa Eebantuu ganda Saqalaa guddaatti diina ilmaan Oromoo duguuguuf maqaa WBO qulqulleessina jedhuun bobbaate irratti tarkaanfi fudhachuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Faashistoonni PP kun humna lafoo nama 300 ol ta’uun kan bobbaa’an yoo ta’u hagayya 7,2022 galgala sa’a 11 irratti osoo deebitee magaalaa aanaatti galaa jirtuu haxxeetti galchuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheesseera.
Lola kanaan humna diina 35 battalatti ajjeesumu 20 ol madeesseera.
Akkasumas qawwee AKM 21 dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.
Tarkaanfii WBOn fudhatu itti fufuun onuma Eebantuu ganda Qeelloo bakka addaa Balachuu jedhamtutti kaleessa Hagayya 8,2022 tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhateen 15 battalatti ajjeesuun 8 madeesseera.
Tarkaanfii WBOn fudhatu itti fufa!
Injifannoon afaan qawween ni dhufa!
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

