• Sun. Mar 15th, 2026

Jajjabeen WBO Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabe

Nov 6, 2024

ONM-ABO Sadaasa 5, 2024

Jajjabeen gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun Zoonii Harsadee godina Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti du’aa fi madoon adabee jira.

Tarkaanfii kaleessa Sadaasa 4, 2024 ergamtoota Abiy Ahimed aanaa Booraa ganda Botee fi Kamsaa gidduutti irratti fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabee jira.

Tarkaanfii jajjabeen WBO irratti fudhateen kanaan du’aa fi madoo ishee konkolaataa lamaan gara magaalaa Maqiitti geessuun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading