Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo isaa qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

ONM-ABO Fulbaana 13, 2024 

Loltoonni PP fedhii isaanii malee teessuma siyaasaa koloneel Abiy Ahimed akka tiksaniif bakkoota adda addaa irraa dirqamaan qabamuun, turtii yeroo gabaabaa leenjii erga fudhatanii booda wayita dirqamaan bobbaafaman akkaataa isaaniif mijateen sirnicha ganuun baduu itti fufanii jiru.

Bifuma kanaan, miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii tokko godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee irraa hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatee jira.

Aanaa Billoo Boshee ganda Gala Gurree mooraa waraana bilxiginnaa bakka addaa Jimaateetti argamu irraa  Fulbaana 10, 2024 miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii sabaan Oromoo ta’e tokko meeshaalee waraanaa:

Akka loltuun kun jedhettis mooraan isaanii guyyaa irraa gara guyyaatti diigamaa akka jiruu fi wal- qoqqoodiinsi sanyummaa daran isaan gidduutti jabaachuun sanyummaan wal qoodanii walii isaanii akka ajjeesaa jiran dubbata.

Dhuma irratti, miseensi waraana bilxiginnaa kun, beekees ta’u osoo hin beekin wallaalummaa isaatiin uummata Oromoo afaan qawween dararaa ture dhiifama gaafachuun, hiriyoota isaa mooraa diinaatti hafanii lola isaan hin ilaallannetti hirmaataa jiraniin dafaa yeroon meeshaa keessan qabadhaa gara dirree haqaa kottaa jechuun  dhaamsa isaa dabarseefii jira.

Exit mobile version