Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii tokko Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024

Waraanni faashistii PP fedhii isaanii malee humnaan qabamuun aangoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaafaman kanneen dhalootaan Oromoo ta’an akkasumas, sabaaf sab-lammoota dabalatee yeroo gara yerootti mooraa waraana Bilxiginnaa ganuun gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti  harka kennachaa jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa irraa waraanni Raayyaa lttisa Impaayerattii tokko mooraa diinaa ganuun gooticha WBO’tti harka kennatee jira.

Mooraa waraana bilxiginnaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Walanee jedhamu keessatti argamu irraa Fulbaana 24, 2024 miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii kun qawwee AKM Turkii tokko, rasaasa 90, boombii F1 lama hidhannoo waliin fiduun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa beeksisee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoos simannaa ho’aa isaaf taasiseefii kan jiru yoo ta’u, innis simannaa isaaf taasifametti gammaduun ilmaan Oromoo qawwee ormaa baatan qawwee isaaniin sabatti dhukaasuurra, gara WBO dhufuun qabsoo bilisummaa Oromootti akka makamanii saba isaaniif dhukaasan dubbachuu isaa hooggansi WBO bakkichaa itti dabaluun beeksisee jira.

Exit mobile version