Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjootti miseensi Raayyaa ittisa impaayerattii tokko gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Waraanni Bilxiginnaa fedhii isaanii malee humnaan dirqamanii barcuma aangoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf kutaalee Oromiyaa adda addaatti bobbaafaman kan dhalootaan Oromoo ta’an akkasumas sabaa fi sab-lammoota dabalatee yeroo gara yerootti miidhaa ulfaataa irra gahu mufachuun mooraa Bilxiginnaa gananii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii harka kennachaa jiru. 

Aanaa Jimmaa Arjoo bakka addaa Daalattii jedhamu irraa Bitootessa 5, 2025 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko mooraa Bilxiginnaa ganuun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa beeksisee jira. 

Waraanni Bilisummaa Oromoos simannaa ho’aa taasisee fi kan jiru yoo ta’u, waraanni PP duraanii kunis simannaa isaaf taasifametti gammaduun, ilmaan Oromoo qawwee ormaa baatan qawwee isaanii saba irraa dhalatanitti deebisanii dhukaasuu irra, gara WBO dhufanii harka kennachuun qabsoo bilisummaa Oromootti makamuun akka saba isaaniif dhukaasan ergaa isaa dabarfatee jira.

Miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii duraanii kun, Bilxiginnaan mooraa isaa keessatti yeroo adda addaatti loltoota isaa ija shakkiin ilaaluun dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuutti mufachuun mooricha balfee akka harka kennate kan hime yoo ta’u, hoggaa Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu dhufus, qawwee AKM tokko hidhannoo guutuu waliin qabatee WBO bakkicha keessa socho’u bira dhaqqabuu gabaasni ONM dhaqqabe ni mul’isa.

Exit mobile version