Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee Waabaraa irraa miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko loltoota maafiyaa PP irratti ajjeechaa raawwachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Waraanni Bilxiginnaa fedhii isaaniis ta’e, fedhii malee dirqamaan barcuma aangoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimad tiksuuf kutaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti bobbaafaman kanneen dhalootaan Oromoo ta’an akkasumas sabaa fi sab-lammoota dabalatee yeroo gara yerootti miidhaa murni faashistii PP irraan gahaa jiru mufachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru. 

Mooraa waraana Bilxiginnaa aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqeetti argamu irraa Guraandhala 14, 2025 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko mooraa diinaa ganuun Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo sana keessa socho’utti harka kennateera.

Miseensi raayyaa ittisa  impaayerattii ture kun akka jedhutti, “waaree irraa sa’atii 7:00’ttin ba’e, sababni isaas cunqursaan isaanii baay’ee natti cime jechuun ibsa. Yeroo adda addaatti maqaa adda addaa natti maxxansuun na dararu gocha koo malees na shakku. Gara manaatti na galchaa jennaanis na didan” jechuun dubbata.

Dararaa yeroo yeroon irratti raawwatamuuf abdii kutachuu kan dubbatu miseensi raayyaa ittisa impaayerattii kun, ajajoota waraana sirnichaa kanneen ta’an lamatti olseenuun erga ajjeeseen booda loltoota waardiyyaa irra jiran irratti dhukaasa banuun bira darbee gara Waraana Bilisummaa Oromoo deemuu isaa dubbata.

Murni impaayerattii yeroo adda addaatti loltoota isaa ija shakkiin ilaaluun heyyama malee gara bakkeetti ba’uun kan hin jirree fi loltoota shakku immoo hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuu itti fufee jira. Ilmaan Oromoo immoo addatti ija shakkiin waan ilaaluuf dararaa hamaa irraan gahaa ooluu isaa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii duraanii Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate kun himee jira. 

Qoqqooddaan sabaa loltoota sirnichaa gidduutti kan mul’atuu fi yoo loltoonni ajajaa isaanii gaaffii gaafatan “ergama biroo qabda” jechuun dararaa adda addaa irraan gahaa kan jiran ta’uu illee itti dabaluun ibsee jira.

Miseensi waraana Koloneel Abiy Ahimed kun, simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaf taasisetti gammaduun, loltoonni sirnicha utubuuf ifaajan qawwee fi hidhannoo isaanii fiduun gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii akka harka kennatan dhaamee jira.

Exit mobile version