Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 5 godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan fi Daallee Waabaraa  irraa WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Murni Bilxiginnaa impaayera sabootni afaan qawween cabanii keessa jiraatan akka waan fedhiin waliin jiraataa jiranitti afaan qawween itti fufsiisuuf dargaggoota Oromoo fi saboota biroo humnaan qabee leenjii kennuufiin ergama dabaa lubbuu namaa galaafatu, akkasumas qabeenya barbadeessu cuubee bobbaasus badii Bilxiginnaa baruun ganuu itti fufaniiru.

Haaluma kanaan torbee kana keessa godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan buufata waraana PP magaalaa Mojoo irraa loltootni impaayerattii 2, akkasumas aanaadhuma Hawwaa Galaan bulchiinsa magaalaa Machaaraa ganda 21 irraas miseensi raayyaa ittisa imphaayerattii lama gocha hammeenyaa waraanichi godhuu fi tuffii sabummaa geggeeffamaa jiru jibbuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Ilmaan Oromoo arfan kun qawwee AKM dachaatuu 4, hidhannoo 3 fi rasaasa AKM 750 fiduun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.

Waraanni Bilxiginnaa mooraa diinaa ganuu itti fufuun godinuma kana aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee irraas miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee AKM Turkii 1 fi boombii harkaa 3 qabachuun WBO’tti harka kennateera.

Miseensotni waraana Bilxiginnaa duraanii kun nagaan WBO bira ga’uutti gammadanii, ilmaan Oromoo Bilxiginnaa keessa qawwee baattanii waardiyyaa barcuma Abiy Ahimed taatan, karoora badiisaa Abiy Ahimed teessanii deggeruu irraa gara WBO kottaa waliin biyya keenya Oromiyaa haa ijaarru jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version