Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan irraa WBO’tti makame

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Murni Bilxiginnaa umurii aangoo isaa dheerefachuuf jecha ilmaan Oromoo bakkeewwan garaa garaa irraa humnaan ukkaamsuun mooraa leenjii galchee uummata Oromootti as deebisuun gochoota suukkanneessoo raawwachaa kan jiru yoo ta’u, ilmaan Oromoo eenyummaan itti dhagaa’amu yeroo garaa garaatti akkaataa isaaniif mijateen sirnicha ganuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jiru.

Amajjii 11, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan mooraa waraana Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Machaaraa keessaa miseensi waraana Bilxiginnaa tokko qawwee fi hidhannoo guutuun miliquun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamee jira.

Miseensi waraana Bilxiginnaa duraanii kun, qawwee AKM 1, Rasaasa 180 fi Gumbii mooraa waraana Bilxiginnaa keessaa qabatee ba’uun mooraa waraana bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Xumura irrattis simannaa hoo’aa karaa Waraana Bilisummaa Oromoo godhameefitti gammaduu ibsuun, warreen mooraa diinaatti hafaniin osoo yeroon hin darbin meeshaa keessan qabadhaa gara qabsoo haqaa WBO’n geggeefamaa jiruutti dabalamaa jechuun dhaamsa dabarseefii jira.

Exit mobile version