ONM-ABO Hagayya 30, 2024
Yeroo adda addaatti loltoonni fi ergamtoonni sirnichaa gara jabeenya ilmaan Oromoo irra ga’uu fi rakkoo keessoo isaaniitti uumamaa oolu jibbuun mooraa diinaa onsanii Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan irraa miseensi milishaa tokko Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jira.
Hagayya 28, 2024 miliishaan PP tokko dararaa fi rakkoolee adda addaa mooraa sana keessatti guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo irra ga’u mormuun aanaa Hawwaa Galaanitti harka kennatee jiraachuun beekameera.
Milishaan Bilxiginnaa Abiy Ahimed ulee godhatee bobbaase kun mooraa Bilxiginnaa keessaa qawwee fudhatee gara WBO kan dhufe yoo ta’u, kunuunsa isaaf godhametti gammaduun Waraanni Bilisummaa Oromoo dhugaan qabsoo sabichaa geggeessaa kan jiru ta’uu himeera.
Xumura irrattis, ilmaan Oromoo meeshaa Bilxiginnaa baatanii mooraa sirnichaa keessatti hafuun impaayera bututte suphuuf ifaajan meeshaa qaban qabatanii dhufanii gara Waraana Bilisummaa Oromootti akka harka kennatan dhaamsa isaa dabarfatee jira.

