Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti miseensi raayyaa ittisa impaayeera Itiyoophiyaa tokko gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun himame

ONM-ABO Hagayya 27, 2024

Lola qinda’aa Waraanni Bilisummaa Oromoo kan jaarmiyaa ABO-WBO jalatti taliigamu humna weerartuu PP irratti haleellaa fi weerara guutuu Oromiyaatti guyyuu taasisaa jiruun loltoonni sirnichaa murni Bilxiginnaa qarree kufaatii irra jiraachuu hubatan rifatuu guddaa keessa seenuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu jabeessaniiru.

Bifuma kanaanis Hagayya 25, 2024 godina Qellem Wallaggaa ona Hawwaa Galaan ganda Canqoo jedhamu irraa miseensi raayyaa ittisa impaayera Itiyoophiyaa tokko kan sabaan Oromoo ta’e sirna balfamaa bilxiginnaa ganuun hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu hoogganni WBO gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka miseensi loltuu bilxiginnaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate dubbattutti murni Bilxiginnaa durarraa kaasee mooraa isaa afaan qawween tiksuuf jecha ilmaan Oromoo hundumaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa jumlaan guuruun manneen hidhaatti darbachuun, boodarra dirqiin mooraa isaatti geessuun kan leenjisu har’as sirnichi haala kanaan ijaaramuun homaa furmaata akka hin taane hubadheen harka laattadhe jechuunis dubbata

Gama meeshaatiinis qawwee AKM 1 fi hidhannoo guutuun akka dhufes barameera.

Dabalataanis mooraa murna Bilxiginnaa keessatti ilmaan Oromoo mirga dubbachuu fi gaaffii gaafachuu kan hin qabne ta’uu himuun ilmaan Oromoo achi keessa jirtan yeroon WBO’tti dabalamaa jechuunis dhaamsa isaa dabarfateera.

Exit mobile version