ONM-ABO Sadaasa 15, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Coqorsaa jedhamu keessatti kaleessa Sadaasa 13, 2025 hidhattoonni sirnichaa maqaa leenjii milishummaa fi raayyaa ittisa impaayerattiif jedhuun uummata dirqisiisanii afaan qawween ukkaamsuuf adamsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Gandicha keessatti duulli jiraattota humnaan ukkaamsuu kun haalaan keessatti jabaatee kan jiru yoo ta’u, uummatni aanichaas du’a seena maleessa hin duunu jechuun qe’ee fi qabeenya isaa akkasumas hojii idilee isaa irraa dheessuun kallattiilee garaagaraatti jalaa dheessanii jiraachuu jiraachuu addeessaniiru.
Akkuma kanaan haadhoolii fi shamarran qofti qe’ee keessatti kan hafan oggaa ta’u, bitamtoonni murna Bilxiginnaaf ergamuun impaayeratti utubuuf ifaajaa oolan kunneen immoo naannicha keessaa dhiirri baqatee jiraachuu sababeeffachuun shamarran baay’inaan 5 ta’an dirqamaan qabanii gara mooraa leenjii sirnichaatti erguu jiraattonni dabaluun eeraniiru.
Murni nageenya balaaleffatee afaan qawweetti amanu Bilxiginnaan, hoomaa waraanaan of ijaaree argamuuf jecha kutaalee Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo saalaa fi umriin osoo gargar hin baasin jumlaan gara adda waraanaatti ergee irbaata rasaasaa taasisuun barcuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf hojjechaa jiraachuun ni beekama.

