Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaalogii Walalii fi Hawwaa Galaan keessatti hidhattoonni maafiyaa Bilxiginnaa qonnaan bultoota dirqamaan leenjii milishaatti guuraa jiraachuun ibsame 

ONM-ABO Muddee 26, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaalee garaagaraa keessatti waraanni faashistiin murna Bilxiginnaa qonnaan bultoota dirqamaan hojii idilee isaanii irraa ukkaamsuun gara leenjii milishummaatti ergaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haaluma kanaan aanaa Yamaalogii Walalitti jiraattota ganda Akuukkuu bakka addaa Bonayyaa kan ta’an qonnaan bultoota maqaan isaanii:

1. Obbo Shunxaa Qannaa,

2. Obbo Dirribaa Qixxeessaa,

3. Magarsaa Kabbadaa fi 

4. Milishaa Kabbadaa kanneen jedhaman gaafa Muddee 25, 2025 ganama toora sa’aatii 3:00 irratti hidhattoonni faashistiin Bilxiginnaa maqaa farra riphe lolaa jechuun of waaman ooyiruu isaanii keessaa dirqisiisanii ukkaamsuun leenjiif gara waajjira poolisii aanaa Tajjootti erganii jiraachuu jiraattonni bakkichaa addeessaniiru. 

Oduu ukkaamsaa birootiin ammoo gaafuma Muddee 25 godinichuma aanaa Hawwaa Galaan araddaa Baddeeyyii ganda Ifa Jiruu bakka addaa Masalaa kan ta’an namoota maqaan isaanii 

1.  Obbo Abdurazaaq Aammad Haajii,

2.  Obbo Abdullaxiif,

3.  Obbo Mahaammad Awwal fi namoota maqaan isaanii adda hin baane danuu ukkaamsanii leenjii milishummaa fudhachuun biyya keessaniif loltu maqaa jedhuun gara waajjira bulchiinsa aanaa Gabaa Roobittii galchanii jiraachuu jiraattonni ifoomsaniiru. 

Kana malees kaffaltii gibiraa fi kanneen biroo tarreessuun guyyuu qe’ee hawaasaa keessa deddeebi’anii saamicha daanga maleessa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, uummatni aanaalee kanneenii waqtii oomishaa kanatti danqaawwan adda addaa murni maafiyaa Bilxigginnaa irratti geggeessaa jiruuf jecha midhaan isaanii alaa galfachuu dadhabuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version