Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daalle Waabaraatti hidhattoonni maafiyaa Bilxiginnaa manneen uummataa gubuu fi qabeenya saamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa ganda Alchawwaa Ganii bakka addaa Dhaga-Booqaa jedhamutti gaafa Amajjii 14, 2026 ganama hidhattoonni faashistiin Bilxiginnaa mana qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Zarihuun Galatii jedhamu ibidda itti shidanii barbadeessuu jiraattotni himan.

Namni Obbo Zarihuun jedhamu kun qaama dirree siyaasaa irra kan jiru osoo hin taane sababa dhukkubsateef  hospitaala deemee wal’aansa irra jiraachuu kan himan jiraattotni, mana jireenyaa isaa keessattis qabeenya akka bunaa kuntaala 20, boqqolloo kuntaala 50, xaafii kuntaala 10 fi midhaan gosa garaagaraa hedduu argaman mana waliin jalaa gubanii mancaasuu jiraattonni himaniiru. 

Kana malees ollaa gandicha waliin wal daangessuu ganda Alchawwaa Cabalitti jiraataa bakka addaa Kaambaa kan ta’e qotee bulaa maqaan isaa Obbo Kabaa jedhamu immoo isa gaafatanii manaa dhabnaan sangaa qonnaa tokko jalaa hiikanii ooffachuun buufata waraanaa magaalaa Gurii Maariyaamitti qalatanii nyaachuun ibsameera.

Loltoonni faashistiin badii uummata nagaa irratti raawwachaa turan kunneen aanaa Gaawoo Qeebbee irraa bobbaafamuun ganda Gurii Maariyaamii irra qubsiifamanii kan jiraatan ta’uun beekameera. 

Dabalataan immoo guyyuma sana daangaa aanaa Gawoo Qeebbee keessaa bahanii aanaa Daallee Waabaraa keessa qaxxaamuruun aanaa Yamaalogii Walal ganda Laaloo Koyii bakka addaa Alakuu jedhamutti maatii Obbo Kumsaa Fayisaa jedhaman irratti reebicha raawwachaa turaniiru.

Obbo Kumsaan maanguddoo ganna 80 olii fi jaarsa araaraa deggersaa fi mormii qaama siyaasaa kamiyyuu irraa walaba yemmuu ta’an, hidhattootni sirna-dhableeyyiin PP maqaa ilma kee galchi jedhuun reebicha hamaa irratti raawwataniin gara hospitaala naannootti argamutti dabarfamanii yaalamaa jiraachuun ifoomeera. 

Guyyuma sana mana maatii kanaas gubuuf wayita ibidda itti qabsiisanitti hawaasni ollaa birmatanii naannichatti argamuun irraa kan dhaamsan yoo ta’u, yeroo itti aanus deebina dhufna ilma kee hin galchitu taanaan mana kees gubnee siinis ajjeesna jechuun itti dhaadachaa turuu jiraattonni bakkichaa dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version