ONM- ABO Guraandhala 9, 2024
Guraandhala 5, 2024 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Soyii Gamichee keessatti qonnaan bulaa maqaan isaa Jamaal Raagaa jedhamu jalaa hidhattootni sirnichaa maqaa nageenya hawaasaa eeguu jedhuun bobbaafaman Loozii kuntaalaa 4, Boqolloo fi Mishingaa kuntaala 7 jalaa saamanii deemuu jiraattotni ONMtti himan.
Waraanni PP kunneen aanaa Begii ganda Xiilloo iddoo addaa Abaccar jedhamutti barsiisaa Addunyaa Maahammad jedhamu jalaa mana yoo guban, Aburaayi Guddataa yeroo lama, Guddinaa shaafe Goloo mana keessatti ibiddaan guggubuun yeroo ammaas du’aaf jireenya gidduutti akka argaman ibsuun, Maammad Galataa reebicha hamaa irratti raawwatameen yeroo ammaas hospitaalaatti yaalamaa jiraachuu fi maallaqa hedduus jalaa saamuu ibsan.
Akkasuma guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 8, 2024 lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti ganda Waanddii Daaallee bakka addaa Dooyyoo jedhamutti waraanni Shiftaan sirnichaa magaalaa aanichaa Qilxuu Kaarraa irraa ka’uun gara gandichaa imaluun manneen qonnaan bultootaa gubanii barbadeessuu jiraattotni ONMtti dubbatan.
Obbo Addunyaa Tottoobaa jalaa mana lamaa, midhaan kuntaala 20,buna kuntaala 10 guutummaa mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii barbadeessuun, obbo Bulaa Tottoobaa mana lamaa fi midhaan mana keessatti gubuun yoo barbaadeessan sangaa tokko ammoo jalaa fudhachuun deemuu jiraattotni himuun, akkasuma dargaggoo Waaggaarii jedhamuu nama nagaa fuudhanii deemun lafti isaan geessan hin beekamin jiraachuu jiraattonni dabaluun addeessaniiru.

