Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti ajjeechaa, saamichaa fi manneen qonnaan bultootaa gubuun hidhattoota sirnichaan raawwatameera

ONM-ABO Bitootessa 26, 2024

Bulchiinsi abbaa irree impaayera Itoophiyaa Abiy Ahimed ergamtoota isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun lammiilee nagaa irratti ajjeechaa suukanneessaa, reebicha, hidhaa fi manneen uummataa abiddaan barbadeesuun ilmaan Oromoo hiyyummaaf gadadoon saaxiluu kan Yeroo kamuu caalaatti jabeessee jira.

Haaluma kanaan Bitootessa 25, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo iddoo addaa naannoo Nooraa Naqa Fardaa jedhamu keessatti manneen qonnaan bultootaa gubuu fi saamicha raawwatan.

Namoonni manni jalaa gubate obbo Haarun Osholoo fi obbo Habiib Amadoo Shariif yoo ta’an, nama maqaan isaa Yoonaas Taaddasaa Taasisaa jedhamu jalaa loon 2 fudhatanii deemuus maddeen gabaasan.

Oduuma wal fakkaatuun Bitootessa 24, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii Ganda Gaara Kormaa iddoo addaa Waraagoo jedhamu keessatti saamicha, manneen gubuu fi ajjeechaan hawaasa irratti raawwatee jiraachuu maddeen keenya gamasii gabaasaniiru.

Walumaa galatti maqaan namoota Manneen jalaa gubatee, Nasiraddiin Maammud, Maammud Mul’ataa Xiiqii, Gamulaa Tafarraa, Abdurramaan Abdiisaa, Xaafaa Waldee, Kennasaa Ashannaafii Waldee yoo ta’an, Tashoomaa Gindaabaa Ciibsaa jalaa mana gubuun midhaan jalaa fe’achuun loon 4 jalaa ooffatan, akkasumas Abdulqaadir Kumarraa jalaa qotiyyoo 2 kan ooffatan yoo ta’u Dassaalenyi Garbaa fi Sayid nama jedhamu jalaa ammoo mana isaanii jalaa gubuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version