Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti manneen qonnaan bultootaa gubachuu fi saamichi raawwatame

ONM-ABO Ebla 19, 2024

Gidiraa hamaa keessa kan jiru uummanni Oromoo waggoota bilxiginnaan aangootti dhufee kaasee qe’een isaa nagaa dhabuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartaatiin ajjeechaa, gubaatii manneenii, hidhaa jumlaa, saamichaa fi qe’ee irraa buqqa’uun rakkoo akkaan yaaddessaa keessatti argamu.

Namni balleesse yoo jiraate osoo mana murtiitti dhihaatee yakki isaa hin ilaalamin battalumatti ajjeechaa fi mancaatiin qabeenyaa hawaasa nagaa kana irratti hidhattoota sirnichi bobbaaseen raawwatamaa jira.

Guyyaa kaleessaa kana Ebla 18, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Warra Iluu jedhamu keessatti waraanni shiftaa Abiy Ahimed manneen qonnaan bultootaa gubuu fi qabeenya saamuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Namoonni manneen isaanii mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubachuun barbadaa’ee fi saamames maqaan isaanii Obbo Dajanee Kibbii, Obbo Balaayinee Guddataa fi Obbo Ajjamaa Damee kanneen jedhamaniidha.

Namoonni kunneen namoota ollaa isaanii biratti jaalatamoo fi kabaja qaban akkasuma namoota wal dhaban akka jaarsa biyyaatti walitti araarsuun beekaman malee siyaasa keessaa namoota quba qabanis miti jechuun dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version