Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti waraanni bilxiginnaa gudeeddii hammeessan

ONM-ABO Caamsaa 1, 2023

Murni bilxiginnaa waraana naamusa hin qabnee fi safuu uummataa hin beekne uummatatti bobbaasuun sarbamiinsa mirga namoomaa raawwachuun Oromiyaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa jira.

Waraanni aadaa fi safuu uummata Oromoo faallaa hojjetu kun bakkeewwan bobbaaffamanii jiran maratti hadhoolii fi shamarran Oromoo humnaan gudeeduu itti fufuun, godina lixa Shagar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Odaa Mukaa keessatti shamarree umriin ishee hin geenye aadaa fi safuu uummatichaaf maqaa waamuun  hin barbaachisne daa’ima ganna 11 namoota afur ta’uun itti wal jijjiiranii humnaan gudeeddii irratti raawwachuun miidhaa qaamaa guddaa irraan ga’anii jiru.

Gochi kun yeroo qaamota kanaan raawwachaa jirutti eessumni daa’ima gudeedamtee kun yeroo isheen dhiisaa jettee iyyitu sagalee ishee dhaga’ee birmatutti maaltu si fide jechuun reebicha ulfaataa irratti raawwachuun isas miidhuu himu.

Aanaa Ada’aa Bargaa gandoota adda addaa keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed kun saamicha, hidhaa, ajjeechaa fi manneen qonnaan bultootaa gubaa jiraachuu gabaasaa turre.

Exit mobile version