ONM-ABO Guraandhala 5, 2026
Godina Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Dhuqqoo keessatti Guraandhala 1, 2026 waraanni maafiyaa PP yakkoota waraanaa fi gochoota farra namoomaa ilmaan Oromoo irratti dalaguu itti fufuun daa’ima waggaa 10 tokko irratti gocha gudeeddii raawwachuu jiraattonni bakkicha ONMtti himaniiru.
Waraanni weerartu Bilxiginnaa namusaa fi sansakkaa waraanumma hin qabne kun; aadaa, safuu fi duudhaa uummata Oromoo hin kabajne, shammarre umriin ishee waggaa 10 taate maqaan ishee Galgaluu Xullee Muudaa jedhamtu buufata ganda Dhuuqqoo keessatti gocha sukkanneessaa fi cigaasisa kana irratti raawwachuu dabaluun ibsaniiru.
Shammarreen kun gocha gudeeddii kanan miidhama qaama fi qalbii ulfaataaf saaxilamuun gara hospitaala Nageellee Booranaatti geeffamte yaaalamaa akka jirtuu fi haala yaaddessa keessatti akka argamtuu dubbatu.
Murni Bilxiginnaa lola guutuu impaayeratti keessatti isa muddee jiru kanan yaaddoo ulfaata keessa seenuun yakkoota waraanaa fi gochawwan farra namoomaa hedduu raawwachuun godaannisa seenaa hamaa dalagaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasa turreerra.

