ONM-ABO Sadaasa 19, 2024
Godina Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Nuuraa Humbaatti Waraanni PP Gochoota Suukkaneessoo Uummata Oromoo irratti dalaguu bare ammas hidhaa, ajjeechaa fi gudeeddii uummata irratti raawwachuu itti fufuun Sadaasa 16, 2024 halkan keessaa sa’atii 06:00 irratti barsiisota shamarranii lama Kan dhiyoo Lixa Oromiyaa irraa dhufuun gandichatti hojii baruu fi barsiisuutiif ramadamanii hojjachaa jiran kan ammaaf maqaan isaanii dha’uun hi barbaachifne irratti yakka gudeeddaa cimaa nama 15 oliin irratti raawwachuun Sadaasa 17, 2024 gara Hospitaala magaalaa Harqallootti geeffamanii yaalamaa jiraachuun barameera.
Sadaasa 17, 2024 ganduma Nuuraa Humbaa Araddaa Boombaa Burkutuu jedhamutti Waraanni PP kun nama nagaa Uddaa Baddaa Sharuu jedhamu abbaa ijoollee lamaa kan ta’e badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeeseera.
Gochi badiisaa murni PP uummata Oromoo naannichaa irratti raawwachaa jiru kun ija addunyaa duraa dhokachuun uummatni dararaa argaa waan jiruuf, ilmaan Oromoo sagalee akka nuuf taatan jechuun Oromootni Gooroo Doolaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dhaamaniiru.

