ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Waraanni weerartuu PP Hagayya 15, 2024 Godina Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Saraansar irraa gara aanaa Gumii Eeldalloo ganda Malkaa Gubaatti Meeshaalee gurguddaa akka Madfii, Zu 23 fi moortera darbachuudhaan uummata nagaa irratti gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa qaqqabsiisuun beekame.
Naannoo meeshaan Madfii kun itti darbatametti jiraataa ganda Malkaa Gubaa kan ta’an maanguddoo maqaan isaanii Iloowi Aadam Huseen kan jedhamu irraa gaalli 7 kan ajjeefamte yoo ta’u gaalli sadii ammoo madaa’uun ifoomeera.
Ree’otni hedduunis meeshaa kanaan uummata irraa dhumuun kan himamu yoo ta’u, sababa neetworkiin naannicha hin jirreef maqaa namoota horiin irraa dhumtee hunda argachuu hin dandeenye
Kana malees godina Boorana Bahaatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa haalaan jabachuun hawaasni godinicha keessa jiraatu loon, re’ota, hoolotaa fi gaalli isaan qaban hunduu waraana abbaa irreen saamamaa akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.

