ONM-ABO sadaasa 13, 2023
Kibba Oromiyaa Boorana keessatti maqaa sakattaa WBOtiin Tibba mariin nagaa adeemsifamaa jirutti loltootni PP dararaaf rakkoo jajjabaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, ajjeechaan Godinicha keessatti gaggeeffamaa jiru sirnichi nagaa waaraa jedhame kana irraa fedhii dhugaa akka hin qabne mullisa.
WBO godina Booranaa keessaa dhabamsiisna jechuun maqaa sakattaatiin Sadaasa 05, 2023 irraa eegalee neetwoorkii guyyoota 4f balleessanii kan turan caasaaleen PP, qaawwaa quunnamtii uummataa addaan kutuuf taasisanitti fayyadamuun mancaatii lubbuu fi qabeenyaa hedduu raawwachaa kan turan yoo ta’u, Sadaasa 08, 2023 ganda Bulbullii bakka Dika jedhamtu keessatti namoota nagaa irratti tarkaanfii hamaa fudhachuun beekame.
Guyyaa kanas Loltootni PP namoota nagaa torba ganda Bulbullii keessa qabanii deemuun, namoota qabaman kanneen keessaa nama Kuluulee Godaanaa Bixoo jedhamu rasaasaan tumanii ajjeesuun, shamarree Booyyee Dooyyoo Taadhii jedhamtu ammoo yoo madeessan namoota shanan hafanis haga ammaa bakki geessan hin beekamin jiraachuu maddeen godinichaa himan.
Dararaa fi hiraarsa loltootni impaayerattii hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiraniin jiruuf jireenyi kan itti hadhaa’e uummatni aanaa Gumii Eldalloo, gandoota hedduu keessaa qe’eef qabeenya isaa gadi dhiisee buqqa’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

