Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa keessatti maqaa duula sakattaa WBOtiin netwoorkiin guyyoota lamaaf badee turuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 10,2023

Duulli jabaan Waraana bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf bilxiginnaan yeroo dheeraa irraa eegalee Guutuu Oromiyaa keessattuu Kibbaa fi Lixa Keessatti gaggeessaa ture ittuma fufuun, tooftaa fi bifoota garaa garaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, maqaa sakattaa kanaatiinis uummatni nagaan gaagaa’ama ulfaataa argaa jiraachuun ni beekama.

Oduuma sakattaa kanaanis, Kibba Oromiyaa Godina Booranaa Keessatti Sadaasa 5, 2023 irraa eegaluun magaalaa guddoo godinichaa Nageellee dabalatee  aanota cufa irraa waraana bilisummaa Oromoo godinicha jalaa dhabamsiisna jechuun kaadirootaa fi waraannii PP sochii eegalaniin Neetwoorkii guutummaatti balleessanii turuun kaleessa jechuunis Sadaasa 9, 2023 gadi dhiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Haala duulli sakattaa kun ittiin gaggeeffamaa jiru maddeen yeroo himan, Uummatni aanota godinichaa cufa irraa dirqamaan walitti qabamuun meeshaalee qara qaban dabalatee namuu waan of harkaa qabuun duulichatti hirmaachuu qaba jechuun hawaasa nagaa gara bosonaatti bobbaasuun ta’uu himuun, Tibba neetwoorkii balleessan kannattis ilmaan keessantu WBOdha, ni gargaartuu fi ni nyaachiftu jechuun qe’eef qabeenya hawaasaa hedduu saamanii ibiddaanis gubanii barbadeessaa turuu dabaluun ibsan.

Exit mobile version