Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa Aanaa Sinaanaa keessatti gareen shiftaa PP uummata nagaa hiraarsaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024

Kutaalee Oromiyaa hunda keessatti waraanni  impaayera Itiyoophiyaa  duguuggaa sanyii hawaasa nagaa irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, uummanni rakkoo garee maafi’aa Bilxiginnaa kanaan  irra ga’aa jiruun jireenyi nu jibbisiisee jira jechuun qe’ee fi qabeenya gadi dhiisanii baqachaa jiru.

Haaluma kanaan  godina Baalee Lixaa aanaa Sinaanaa ganda Iluu Sanbiituu jedhamu keessatti maqaa hariroo WBO wajjiin qabdu jedhuun qeerroo maqaan isaa Abdii Muusaa jedhamu hidhanii reebaa kan turan yoo ta’u, Obbo Turaa Haaji Isma’eel kan jedhamu qabeenya isaa guutuu jalaa saamuun mana isaa gubanii lafa isaas akka hin qotanne akeekkachiisanii maatii isaan gargar faca’uun bakkoota adda addaatti baqatanii haala hamaa keessa jiraachuu jiraattonni dubbatanii jiru.

Namoonni diina wajjin ta’uun hawaasa oolmaa bultii isaa hordofuun ganda kana keessatti basaasummaan diinni hawaasa akka guurtu taasisaa jiran Anawar Sheek Adaam kan jedhamu yoo ta’u, aanuma kana keessaa ganda Gaadunaa jedhamu irraa immoo basaasaan hawaasa gurgurachaa jiru Ahimad Haaji Amaan ta’uun barameera. Namoota kanaaf fakkaattotni isaanii faayidaa Bilxiginnaa irraa argataniin uummata baay’ee miisisaa waan jiraniif hojii kana irraa akka of qusatan hawaasni naannichaa akeekkachiisee jira.

Exit mobile version