ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Bara bulchiinsa nama nyaataa Bilxiginnaa keessa nagaan ba’ee galuu mitii mana isaa keessattiyyuu mirga lubbuun jiraachuu sarbamaa kan oolu uummanni Oromoo ergamtootaa fi saamtota waraana impaayerattii kaayyoo namummaa tokko hin qabneen balleessaa tokko malee dararaa hamaa akkaan ulfaataa keessummeessaa jira.
Uummata nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta’e hidhee, saamee, ajjeesee qe’ee irraa godaansisuun jabina kan itti fakkaatu gara jabeessi dhala namaaf kabajaa tokko hin qabne koloneel Abiy Ahimed guutuu Oromiyaa keessatti caasaalee isaa bobbaasuun sababa hin beekamneen uummata hiraarsuun jiruu godaansaaf saaxilaa jira.
Bifuma kanaan murni garboomfataan Bilxiginnaan Baalee Lixaa aanaa Sinaanaa ganda Shawwadee Alaagee keessatti abbaa maatii 6 kan ta’e nama maqaan isaa Umar Amaanaa jedhamu deggeraa WBO’ti ittiin jechuun bara 2023 maatii isaa irraa qabuun dararaa erga turaniin booda rasaasa itti roobsuun ajjeesanii kan gatan oggaa ta’u, yeroo ammaa kanas ijoollee isaa kanneen maqaan isaanii Kamaal Umar, Zubeedaa Umar, Sabboonaa Umar, Falmataa Umar, Abdulkaffaar Umarii fi Mu’aaz Umar kanneen jedhaman abbaa isaanii kana erga ajjeesanii booda ilmaan isaa kanammoo qabeenya cufa lafa qonnaa dabalatee irraa saamanii qe’ee irraa godaansisuun dhaga’ameera.
Maatiin kunis gara bulchiinsa magaalaa Roobeetti kan godaanan yoo ta’u, erga godaananiin booda hojii humnaa hojjetanii jiraachaa jiru. Bakka jiraatanittis lukkeeleen Bilxiginnaa faana dha’uun guyyaa irraa gara guyyaatti hidhaa fi reebicha irraan ga’uun dararaa hamtuu agarsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

