Daangaa mootummaa naannoo Soomaalee fi naannoo Oromiyaa karaa Baalee Lixaa jiru irratti nagaa buusna jechuun uummata afanfaajjeessaa jiraachuu dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 10,2022 Murni bilxiginnaa saba biraa daangaa uummata Oromoo waliin qooddatan duubaan meeshaalee waraanaa ammayyaan hidhachiisuun haleellaa uummata Oromoo irratti raawwachiisee badii guddaan qabeenyaa fi lubbuu Oromoo irratti erga qaqqabeen booda maqaa araaraa fi deebisanii qubachiisuun diraamaa siyaasaa hojjechuun beekama.
Baatii Bitootessaa bara 2022 irraa eegalee lola walitti fufiinsan daangaa Oromiyaa karaa godina Baalee Lixaa ona Gurraadhaamolee fi Soomaaleen wal daangessu irratti poolisootni humna addaa Soomaalee irra deddeebiin lola uummata Oromoo irratti bananiin namootni 5000 ol ta’an buqqa’anii gara magaalaa Dalloo Mannaa kan qubatan yoo ta’u hedduun nyaata dhabuu kan du’ee fi rasaasa poolisoota humna addaa Soomaaleen kan galaafatames ni jira.
Haa ta’u malee rakkoo hamtuun akkasiin uummata Oromoo irra ga’ee osoo jiru mootummaan naannoo Oromiyaa birmannaa tokko illee osoo hin godhaniif gidduu kana itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi itti aanaan mootummaa naannoo Soomaalee waliin ta’uun uummatni Oromoo naannichatti koreen ijaaramee ji’a tokko keessatti rakkoo martuu furmaata argachuu qaba jechuun gaaffii uummataaf deebii osoo hin kennin xumuraniiru.
Mootummaan naannoo Soomaalee aanaa Elkerree humnaan fudhatee kan jiruu fi karaa baha Oromiyaa daangaa Harargee lixaa fi bahaan haleellaa yeroo yerootti raawwachaa kan jiru yoo ta’u kibbaanis Boorana irraa Mooyyaalee walakkaa kutanii kennaniifii jiraachuu ni beekama.
Murni bilxiginnaas ta’ee moototaa impaayeerattii bulchaa turan jalatti Oromoon miidhameedhuma gala malee gaaffii isaafis deebiis ta’e miidhaan isaa fudhatamee hin beeku.

