ONM-ABO Caamsaa 4, 2025
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti mirgi uummata Oromoo sarbamuu keessa darbee, siyaasaaf oolfamaa kan jiru yoo ta’u, bara dhufaa fi darbaa mootoliin aangootti ba’an daangaa fi kabaja namummaa Oromoo sarbuun uummattoota naannoolee ollaa itti kaasuu fi humnoota waraanaa isaaniin miidhaa lubbuu fi qabeenyaa raawwachiisuun bu’aa siyaasaaf oolfachuu aadeffatanii jiru.
Bifuma kanaanis humni addaa naannoo Somaalee sochii waraanaa uummata Oromoo godina Baalee Bahaa aanaalee akka Daawwee Kaachanii fi Daawwee Sarar keessatti geggeessaa kan jiru yoo ta’u, uummata irratti saamichaa fi ajjeechaa garee kanaan qaqqabaa jiruun cinatti namoonni danuun qe’ee gadhiisuun baqachaa akka jiranis jiraattoonni himaniiru.
Sochiin bittaa fi gurgurtaa geggeeffamaa akka hin jirres dabaluun kan himan jiraattotni, lafa uummata Oromoo qabatanii jiran keessattis afaan naannoo somaalee malee afaanni Oromoo akka hin dubbatamneef uummata Oromoo gidirsaa akka jiran itti dabaluun himaniiru.
Mootummaan Musxafee Mahaammad naannoo Soomaalee bulchiinsa maatii tokkoo jala galchuun malaanmaltummaa raawwatuun alatti daa’ima waggaa 16 hidhaa galchee reebee kan ajjeese yoo ta’u, abbaa irrummaa naannichaa keessatti Abiy Ahimed irratti hirkatee raawwachaa jiruun uummata lachuu walitti buusuuf Dirree Dhawaan naannoo Soomaalee jala haa galtu jedhanii kakaasaa turuun kan yaadatamuudha.
Gareen Abiy Ahimed kan lola Waraanni Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru malee kan biroo irraa dhimma hin qabne hidhattootni Sudaan Kibbaa yeroo gidduudhuma kanaa mootummaa naannoo Gambeelaa keessaa aanaa tokko weerara osoo hin dubbanne callisee jira.

