Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee Aanaa Cinaaksanitti lola humni addaa naannoo Somaalee uummata Oromoo irratti bananiin namoonni ja’aa ol ajjeefamuun hedduun madaa’uun dhaga’ame 

ONM-ABO Fulbaana 17, 2025 

Baha Oromiyaa godinaalee Lixa Harargee fi Baha Harargeetti lola hidhattoonni humna addaa naannoo Somaalee kan mootummaa garboomfataa Bilxiginnaan bobbaafamaa jiran bananiin tibbana bifa addaan uummata nagaa irratti ajjeechaan raawwatamaa jiraachuun ibsame.

Haaluma kanaanis dheengadda Fulbaana 15, 2025 Harargee Baha aanaa Cinaaksanitti lola daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun humni addaa naannoo Somaalee uummata irratti bananiin lubbuun namoota ja’aa battalatti darbuun hedduunis akka madaa’aan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti uummanni ajjeefaman 6 reeffi isaanii kan argame yoo ta’u, namoonni sadii madoo ulfaataan irra ga’uun yaalamaa kan jiranii fi gariin ammoo qaamolee Bilxiginnaan hidhachiifaman kanneeniin butamuun bakka buuteen isaanis akka dhabame ibsameera.

Kana malees sochii taasisaa jiran kanaan qabeenyaa uummataa loon, re’oota, hoolota, harrootaa fi kanneen biroo hedduu ooffachaa kan jiran yoo ta’u, qaamoleen Bilxiginnaa Oromiyaa ammoo miidhama sabaaf birmannaa kan hin taasisnee fi deggersa murna daangaa cabsee seenee yakka  raawwacha jiru kanneeniif ta’uun dhiiga uummata qulqulluu dhangalaasaa akka jiranis jiraattonni himaniiru.

Mana maree Bilxiginnaa Soomalee waltajjii taa’een erga caaseffama haaraa godinaalee 2, aanaalee 14 fi bulchiinsa magaalaa 25 hundeessee booda daangaa Oromiyaa karaa Kibbaa Boorana irraan  Kibba Bahaa Baalee irraan akkasumas Bahaan Harargee irraan cabsanii seenuun ajjeechaa fi saamicha raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version