Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Harargee ona Cinaaksan keessatti lola hidhattoonni Soomaalee bananiin namni lama yoo du’u tokko madaa’uu jiraattonni dubbatan

Godina baha Harargee ona Cinaaksan keessatti lola hidhattoonni Soomaalee bananiin namni lama yoo du’u tokko madaa’uu jiraattonni dubbatan.

ONM-ABO Hagayya 30, 2022 Uummatni Oromoo daangaa lafa biyya abbaa isaa irra jiraatu bara dhufaa darban murnootni impaayeerattii humna naannoolee ollaa hidhachiisuun saamsissa, ajjeesisaa fi qe’ee irraa buqqisiisaa tureera.

Murni bilxiginnaa kunis akkuma abboota isaa hojii diinummaa isaa itti fufuun Hagayya 27, 2022 godina Baha Harargee aanaa Cinaaksan araddaa Gololchaa keessatti hidhattonni naannoo Soomaalee uummata Oromoo irratti dhukaasa banuun nama lama ajjeesuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Ilmaan Oromoo badii tokko malee qe’ee abbaa isaanii irratti hidhattoota Somaaleen ajjeefaman Feeyisal Mohaammad Ibraahim fi Ayidarus Umar Ibraahim ilmaan wasiillanii akka ta’an jiraattonni dabaluun ifoomsaniiruu.

Lolli hidhattoota Somaaleen baname kun ona Cinaaksan araddaa Biyyoo Gabaabduu jedhamu keessattis Hagayya 28, 2022 ilma Oromoo ammaf maqaan nu hin ga’in tokko rasaasaan rukutanii madeessuus jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

Uummatni Oromoo Baha Harargee sababa hongeen dheerateef waan nyaatu dhabee rakkoof yeroo saaxilametti hidhattoonni Somaalees karaa gammoojjii seenuun lola uummata irratti banuun jireenya itti hadheessa jiraachuunis beekameera.

Exit mobile version