Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolisootni humna addaa mootummaa naannoo Soomaalee daangaa Oromiyaa ce’uun baha Harargee ona Cinaaksan irratti haleellaa taasisaniin uummata buqqisaa jiraachuun dhagaa’ame

Poolisootni humna addaa mootummaa naannoo Soomaalee daangaa Oromiyaa ce’uun baha Harargee ona Cinaaksan irratti haleellaa taasisaniin uummata buqqisaa jiraachuun dhagaa’ame
 
 
ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Lola yeroo garaa garaatti hidhattootni naannoo biraa daangaa Oromiyaa ce’uun uummata Oromoo irratti taasisaa jiran haalaa fi bifa jijjiirrachuun jabaatee Oromiyaa irratti kan itti fufe yoo ta’u, lola kanaanis uummatni Oromoo qarqara daangaa naannoo biraa jiraatan akkaan miidhamaa jiraachuutu himamaa.
 
 
Oduma kanaan walqabatuun Baha Oromiyaa Ona cinaaksan irratti poolisoota humna addaa mootummaa somaaleetiin lolli jabaan gaggeeffamaa jiraachuu jiraattotni kan himan yoo ta’u, lolli poolisoota kanaan uummata Oromoo irratti taasifamaa jiru Kunis torban tokko ol kan lakkoofsisee fi lolichis  akkaan  jabaachaa kan jiru ta’uunis himameera.
 
 
Lolli Kun ona Cinaaksan keessaa araddaalee akka Marar, Tulluu Guuleed, Caccaallee, Makkanniisaa Oromoo, Hossaalee, Danbaalee, Anbaroo, Biyyoo, Goloolchaa, Irreessa Dawwee, Turqeelloo, fi Daarimoo jedhaman keessatti jabaatee adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, uummatni Oromoo naannichaas lola kanaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aa kan jiran ta’uu jiraattotni dubbachuun uummatni Oromoo ona Cinaaksan lola kanaaf akka of qopheessanii fi uummatni Oromoo bakkoota biraa ammoo sagalee akka nuuf ta’an jechuunis waamicha isaanii dabarsaniiru.
 
Lolli kunis torbe darbe kan eegalee ta’us guyyaa kaleessaa Amajjii 13,2023 bifa addaan meeshaalee waraanaa gurguddaan dabalamee geggeeffamaa akka tures dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version