Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolisootni humna addaa Somaalee haleellaa baha Oromiyaa aanaa Cinaaksan irratti raawwatan jabeessuun namoota ajjeesuun gariin madeessan


ONM – ABO – Gurraandhala 7, 2023 Fedhiin lafa babal’ifannaa Soomaalee Itoophiyaa lafa Oromoo irratti qabu jabaachuun yeroo gara yerootti aanota naannicha daangessan Boorana irraan Mooyyaalee, Baaleen Gurraadhaamolee fi karaa baha Harargeenis Cinaaksan dabalatee aanota hedduu irratti tarkaanfii fudhachuun miidhaa lubbuu fi qabeenyaa irraan ga’u.
 
Duula lafa babal’ifannaa dhiyeenya kana Mootummaan Naannoo Soomaalee poolisoota humna addaa fi milishaa naannichaa fayyadamuun baha Harargee aanaa Cinaaksan keessatti eegale jabaachuun ilmaan Oromoo baay’een du’uun, hedduun madaa’unii fu qe’ee irraas buqqa’aaniiru.
 
Tarkaanfii humnoonni Soomaalee aanaa Cinaaksan keessatti fudhaachaa jiraniin araddaan 3, Oosaalee, Makkanisa Oromoo fi Turihaanot keessaa uummatni Oromoo guutuutti buqqifamuun waraana Soomaaleen dhuunfatamtee jirti.
 
Lola bifa haaraan dheengaddaa  Sambata darbe Guraandhala 4, 2023 geggeeffameen ilmaan Oromoo 4 du’uun 12 madaa’anii jiru.
Akkasumas lola kaleessa Guraandhala 5 araddoota 10 ol fi magaalota akka Koojar fi Yugyug keessatti taasifameen ammoo ilmaan Oromoo 21 madaa’uun 6 ajjeefamanii jiru.
 
Loltootni duula kana irratti hirmaatanii qonnaan bultoota Oromoon qabaman akka dubbatanitti qaamni mootummaa lafa keessan Oromoon saamaa jira, kottaa lolaa deebifadhaa nun jennaan dhufne jechuun yaada kennan.
Murni bilxiginnaa akkama sirnoota darbanii saboota ollaa Oromoo, Oromoo irratti kakaasuun bu’aa siyaasaaf jecha gaagama guddaa lubbuu fi qabeenyaa irraan ga’aa waan  jiruuf ilmaan Oromoo tokkummaan wal bira dhaabbachuu qabu kan jedhan jiraattota ona Cinaaksani.
 

Exit mobile version