ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024
Shirri siyaasaa uummata fayyaalessa kana akka fedhan gochuun ittiin taphatamaa jiru yeroo irraa gara yerootti jabaatee kan itti fufee jiru yoo ta’u, waggootuma ja’an darban kana keessatti lola sabaa fi sablammoota walitti buusuun bu’aa siyaasa isaaniif hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa qofti Oromiyaa keessatti sirna PP’n hidhachiifaman lubbuu kumootaan lakkaa’amu galaafachuun qabeenyi miliyoona hedduutti lakkaa’amu saamamuu fi mancaa’uun taatee yeroo dhihooti.
Ammas warri dhiigaa fi rakkina hawaasaan teessuma isaanii hoo’ifachaa jiraatan Bilxiginnaan hawaasa Oromoof soomaalee gidduutti wal-dhabdee EPRDF uumeen uummatni miliyoona tokkoo ol buqqa’ee kaan du’aa fi madoon miidhaman bifa haaraan deebisuuf saboota lameen kana gidduutti wal dhibdee uumaniin lubbuu namootaa fi qabeenyaa isaanii irratti miidhaan qaqqabaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 25, 2024 Baha Harargee aanaa Cinaaksan iddoo Darbigaa fi Marar jedhamutti hidhattootni naannoo Soomaalee dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin lubbuun Oromoo shanii (5) darbuun afur madaa’anii jiraachuu jiraattonni bakkichaa ONM’f himan.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti dhaadannoo lafa kana irraa isin balleessina jedhuun dhufanii dhukaasa kana hawaasa kana irratti akka bananis dabaluun ibsaniiru.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti qaamni ani mootummaadha ofiin jedhu rakkoo uumame kana furuuf gidduu akka hin seennee fi uummatni Oromoos akka ofirraa hin deebisne ittisaa akka turan himaniiru.
Itti dabaluun hidhattootni kunneen meeshaa gurguddaan gara hawaasaatti qabuun dhukaasaa akka turanii fi uummanni naannawaa sanaa bakkicha gad dhiisanii baqachaa turuu himuun, sababa kanaanis hidhattootni gosoota Soomaalee qabeenya uummataas saamuu fi barbadeessuu ibsaniiru.

