Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Oromiyaa aanota adda addaa keessatti dhibeen busaa lubbuu namootaa galaafachuu itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 1, 2023

Marfama keessa galchuun hawaasaaf gargaarsaa fi qorichootni akka hin galle dhorkuun uummatni beelaa fi dhibee adda addaaf akka saaxilamu gochuun miidhaa irraan ga’an Oromiyaa bakkoota hedduutti hammeessanii jiru.

Lixa Oromiyaa  godinoota akka Qellem Wallaggaa, Lixa Wallaggaa fi baha Wallaggaa aanota adda addaa keessatti dhibeen busaa hammachuun lubbuun namoota hedduu yeroo darbaa jirutti, murni bilxiginnaa garuu rakkoo kanaaf furmaata fiduu irra qorichootni akka hin seenne dhorkuun rakkoo kana hammeessaa jira.

Lixa Wallaggaa keessaa aanaa Begii, Qondaala, Baabboo Gambeelii fi Jaarsoo, akkasumas Qellem Wallaggaa keessaa aanaa Sayyoo, Gidaamii, Jimmaa Horroo, Gaawwoo Qeebbee akkasumas Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti namootni dhibee kanaan darban dhibbootaan lakkaa’amu.

Haalota dhibee busaa ittisuuf gargaaran qoricha farra bookee busaa kan baatii Waxabajjii biifamu hanga yoonaa hin biifin kan jiran yoo ta’u, saaphanni keemikaalaan cuubame hawaasaaf erga hiramuu dhiisee bubbuleera.

Kana malees qoricha busaa ku’aartamii gabaa irraa balleessuun hawaasni tajaajilamaan dhabee rakkoo keessa kan jiru yoo ta’u, harka lafa jalaan ammoo warreen dhuunfaaf kennuun qarshii qaaliin akka bitatan taasisuun hawaasa dararaa akka jiru ragaan maddeen hospitaala godinaalee kanneenii irraa arganne ni addeessa.

Exit mobile version