ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024
Murnoonni abbaa irree aangoo of harkaa qaban, hojii isaanii yeroo hunda waa’ee waraana baay’ifachuu fi eebbisuu taasisuun akka waan erga hawaasni kun dhumee dachee qullaa bulchanitti bu’uuraalee misoomaa hawaasa irraa kutuun gaagaa’ama hamaa uummaticha kaffalchiisaa jiru.
Yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa hawaasa miidhee jirutti waggaa tokko qofa keessatti yeroo sadii fi isaa ol uummata harkaa maqaa gibiraa, inshuraansii fayyaa fi wantoota adda addaa maqaa dhahachuun uummata saaman kanatti, hawaasa irraa ammoo qorichaa fi tajaajila fayyaa adda addaa kutuun dhibeen lubbbuun lammiilee akka dhumatu taasisaa jira.
Haaluma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq fi Jimmaa Gannatii keessatti dhibeen busaa daran hammaachuu irraan kan ka’e namoonni hedduun buufata fayyaa aanichaa keessaa qorichi dhabamuun du’aa akka jiran jiraattotni ONM’tti himan.
Keessattuu daa’imman garmalee miidhamaa akka jiran jiraattotni kunneen kaasuun, beekaa nu fixu malee qorichi dhabamee miti, karaa tokkoon rasaasaan karaa biraan ammoo qoricha hawaasa irraa kutuun uummatichi akka lafa irraa dhumuuf waan sirni abbaa irree kun karoorfateedhas jedhan.
Murni bilxiginnaa Lixa Oromiyaatti waraana marsuun tajaajila irraa kutee rakkoo fayyaa hawaasummaa fi dinagdee uumuun uummata dararaa jiruun qe’ee hedduun manca’aa jiraachuun ni beekama.

