Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq keessatti finxaaleyyiin Amaaraa uummata Oromoo buqqisuu fi saamuu itti fufan

ONM-ABO Ebla 24, 2023

Finxaaleyyiin Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamuun aangoo Abiy Ahimediin akka tiksaniif bobbaafaman, qawwee bilxiginnaan hidhachiiseen uummata Oromoo irraan miidhaa ga’uu itti fufanii jiru.

Akka kanaanis Jimaata darbe Ebla 21, 2023 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Bonee Abuunaa fi Guddinaa Abuunaa irraa finxaaleyyiin Amaaraa uummatatti dhukaasa banuun hawaasa qe’ee irraa buqqisanii qabeenya isaanii saaman.

Gocha badii humnoota finxaaleyyii Amaaraa kanaan raawwateen loon 87 yoo saamamtu, qabeenyi midhaan nyaataa fi uffatis garee goolessaa kanaan fudhatameera.

Gochi badii hanga kana ga’u Oromoo irratti yeroo raawwatamu waraanni murna bilxiginnaa magaalaa aanichaa Saqalaa keessa taa’uun maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun uummata nagaa hidhuu, reebuu fi saamuu malee roorroo hawaasicha irraa deebisuuf sochii taasisan dhabuun gocha kana finxaaleyyootni kun ajaja isaaniin raawwachaa jiraachuu agarsiisa jechuun kan komatan hawaasa aanaa Horroo Bulluqi.

Exit mobile version