Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuuruu keessatti nama tokko ajjeessan

ONM-ABO Hagayya 1, 2023

Warreen jiraachuu fi sabboonummaa uummata Oromoo hin jaallanne finxaaleyyiin Amaaraa  tooftaa koloneeffattootaa fi daandii abbaa isaanii Minilik hordofuun daangaa Oromiyaa seenanii ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabeenyaa fi sarbiimsa mirga namoomaa akkasumas gocha duguuggaa sanyii saba tokko qofa irratti xiyyeeffate raawwachuu itti fufanii jiru.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuuruu magaalaa Agamsaa keessatti dheengadda Adoolessa 30, 2023 nama maqaan isaa Indaashaa Galataa jedhamu humnootni badii finxaaleyyii Amaaraa Faannoon ajjeeffamuu jiraattootni himan.

Ajjeechaa kana cinaattis manneen jireenyaa barbadeessuu fi qabeenya uummata Oromoo ona Amuuruu saamuun qe’ee Oromoota hedduutti gaddaa fi wawwaannaa galchanii deemaniiru.

Hidhattootni Faannoo Amaaraa kun tumsaa fi harkisa murna bilxiginnaan daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun waggoottan shanan Abiy Ahimed aangoo qabate kanatti meeshaa waraanaa fi dinagdeen deggeramanii uummata Oromoo kuma dhibbootaan qe’ee fi qabeenya irraa buqqiisanii, kuma  kurnoota ajjeessuu fi manneen jireenyaa hedduus barbadeessuun isaanii ni beekama.

Exit mobile version