ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024
Ona Abee Dongorootti finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon lola uummata irratti bananiin lubbuun namoota 3 darbuun uummannis qe’ee fi qabeenyaa isaarraa buqqa’e.
Onichatti finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon, baroota darbanii kaasee hanga har’aatti uummata Oromoo gara jabinaan gochaa ilmaan namootaa irratti ta’ee hin beekne raawwataa kan turanii fi jiran guyyaa dheengaddaa gaafa Caamsaa 30, 2024 ona Abee Dongoroo ganda Ce’iitti qonnaan bultoota 3 kanneen maqaan isaanii:
1. Shibbiruu Tolasaa,
2. Tashoomaa Jaaluu fi
3. Gizawuu Galdaasaa jedhaman ajjeesuu jiraattonni himan.
Hanga odeessi kun qindaa’etti gandoonni onichaa 4 kanneen akka: Ce’ii, Daabbis, Walagee fi Botoroo Booraa jedhaman finxaaleyyii kanaan buqqa’uun himameera.
Dabalataanis, finxaaleyyiin kun uummata irratti lola bananiin mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa Ce’ii, mana barumsaa sadarkaa 2’ffaa Botoroo Booraa fi kanneen ganda 4 keessatti argaman qabachuun mana gubaa uummataa saamaa jiraachuu fi qaamni uummataaf birmate akka hin jirre jiraattonni onichaa ONM’tti himanii jiru.

