ONM-ABO Hagayya 9, 2024
Kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon murnoota bilxiginnaa waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii geggeessuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan turanii fi itti jiran ta’uun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti gochaa suukkaneessaa uummata Oromoo irratti raawwachuu haala duraan barameen olitti daran jabeessanii kan itti fufan ta’uun ibsameera.
Finxaaleeyyiin kun aanaa Abee Dongoroo mandheeffatanii hawaasa nagaa dararaa kan jiran yoo ta’u, guyyaa dheengaddaa jechuun gaafa Hagayya 6, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman kun uummata nagaa irratti dhukaasa banuun ganda Gaareroota jedhamu irraa namoota konkolaataa Asuuzuu (Isuzu) jedhamuun gara magaalaa aanichaatti deeman irratti haleellaa bananiin namoota maqaan isaanii:
- Hawwii Kabbadaa,
- Warqinee Bayyanaa,
- Obbo Abdii Dinquu,
- Taajuu Ahimadiifi
- Taayyee Galataa kanneen jedhaman
battaluma sanatti rasaasa finxaaleyyii Amaaraa kanaan ajjeefamuufi namoonni maqaan isaanii:
- B/saa Baacaa Fufaa,
- Solomoon Booboo,
- Kibiree Kaffaalee,
- Waaqwayyaa Qalbeessaa fi k.k.f madaa’anii du’aaf jireenya gidduu kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsaman kunneen yeroo irraa gara yerootti xiyyeeffannoo isaanii uummata nagaa irratti taasifachuun lubbuu namaa fi mancaatii qabeenyaaf uummata Oromoo saalixaa jiru.

