ONM-ABO Adoolessa 23, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Boorgee jedhamu keessaa Adoolessa 20, 2025 gara jabeeyyiin hidhattoota Amaaraa nama maqaan isaa Obbo Beenkuu Beenyaa jedhamu qe’ee isaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Obbo Beenkuun nama nagaa hawaasa naannoo biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u, bara darbes haadhi warraa fi ijoolleen isaa 2 finxaaleeyyiima Amaaraa kanneeniin bakka tokkotti jumlaan ajjeefamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.
Finxaaleeyyiin Amaaraa kanneen maqaa Faannoo jedhuun of-waaman deggersa murna Bilxiginnaan meeshaalee waraanaa guutuu hidhachuun godinaalee Oromiyaa kanneen akka: Horroo Guduruu Wallaggaa, Baha Wallaggaa, Arsii Bahaa, Baha Shaggar, Kaaba Shaggar fi k.k.f keessatti yeroo adda addaatti uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

