Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa hawaasa Oromoo irratti saamicha raawwachuu fi rasaasaan madeessuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 11, 2025 

Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhuun hidhatanii socho’an dararaa suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufuun, Adoolessa 1, 2025 nama maqaan isaa:

  1. Obbo Abdurhamaan Abdallaa jedhamu jalaa bunaa fi jimaa erga jalaa ciranii baleessanii lafa hektaara 3’tti dhiyaatu jalaa saamanii ari’achuun, 
  2. Obbo Heydaroo Qaasim kan jedhaman jalaa immoo, midhaan loowwan itti yaasuun dheechisuu

jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, hidhattoonni kunneen deggersa qaamolee mootummaa Bilxiginnaa irraa argataniin humna jabaatanii ganduma sana irraa, guyyaadhuma sana qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa: 

  1. Obbo Qaasim Ibiroo jedhamu jalaa qorqoorroo baallee 40 yoo saaman, 
  2. Aadde Kadijjaa Qaasim jalaa immoo meeshaalee mana keessaa hunda saamanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Aanaadhuma kana ganda Oddoo Boxii bakka addaa Lookoo jedhamu irraa finxaaleeyyiin kunneen dhukaasa uummata Oromoo irratti bananiin guyyaadhuma kana Adoolessa 1, 2025 qonnaan bultoota hedduu irratti dhukaasuun qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Abdiisaa Margaa jedhamu rasaasaan harka isaa rukutanii yeroo ammaa madoo ulfaataan yaalamaa akka jiru itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version