Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni Bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gudayyaa Biilaatti saamicha yoo raawwatan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti ammoo lukkeeleen Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa waliin ta’uun qonnaan bulaa tokko irratti saamicha raawwachuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025 

Aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Guutee Caancoo jedhamu irraa waraanni impaayerattii Waxabajjii 16,2025 badii tokko malee, nama maqaan isaa Obbo Darajjee Kitilaa jedhamu jalaa sangoota qonnaa 7 fi  sa’a hameessa 3 saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Oduudhuma walfakkaatuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Tulluu Waayyuu bakka addaa Hoomii Kuusaa jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa Faannoo jechuun of waamanii fi leellistoonni Bilxiginnaa qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Gammachuu Nagarii jedhamu jalaa Waxabajjii 16, 2025 loowwan 6 jalaa saamanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Shiftoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bakka kennuun dantaa saba irraa dhalatanii dagachuun, afaan qawwee itti garagalfatanii hawaasa Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessaa hiraarsuu fi hidhattoota Amaaraa waliin ta’uun saamicha ulfaataa geggeessaa jiru.

Exit mobile version