Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hidhattoonni Amaaraa qonnaan bulaa Oromoo tokko irratti saamicha raawwatan

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Dargee Kootichaa bakka addaa Maawoo jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu dhahachuun socho’an, Bitootessa 20, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Dassaalee Nagaash jedhamu jalaa loon 10 ol saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Gandicha keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa horii hawaasaa saamanii qalachuun kan jalqabaa kan hin taanee fi irra deddeebiin kan raawwatamaa ture ta’uu ibsuun, qaamni isaaniif birmatu kan hin jirre murni gabroomfataa impaayerattii hidhattoota kanneen gargaaruun kan isaan miidhaa jiru waan ta’eef, qe’ee fi qabeenya isaanii irra jiraachuuf wabii kan hin qabne ta’uu jiraattonni gandichaa yaaddoo qaban ibsataniiru.

Jiraattota gandichaa keessaa namni maqaan isaa akka xuqamu hin feene tokko, “hidhattoonni Amaaraa naannoo aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa akka; Jaardagaa Jaartee, Abee Dongoroo, Horroo Bulluq, Amuruu fi aanaalee biroo keessa socho’an, ajajaa waraana Bilxiginnaa Koloneel Takilay jedhamu qunnamuun waan fedhii isaanii saamichaa hanga ajjeechaatti hawaasa Oromoo irratti raawwachaa jiru jechuun miidhaa irra ga’aa jiru ONM’tti himeera.

Exit mobile version