ONM-ABO Bitootessa 2, 2025
Finxaaleeyyiin Amaaraa jibba ilmaan Oromoof qaban mul’isuuf murna Bilxiginnaan utubamanii hidhannoo guutuun hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu, saamuu, achi buutee dhabamsiisuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii qarshii guddaa gaafachuun jabaatee jira.
Akkuma kanaanis Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Jaanjimmar bakka addaa Tulluu Okkotee jedhamu keessatti Gurraandhala 24, 2025 nama maqaan isaa Obbo Jalduu Fayisaa Korbuu jedhamu haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Finxaaleeyyiin kunneen Obbo Jalduu erga ajjeesanii booda, ilma isaa Caalaa Jalduu fi Obbo Alamuu Gammadeetti dhukaasuun rasaasaan dhahanii kan madeessanii fi miidhaa qaamaa ulfaataa isaan irra ga’eef yeroo ammaa buufata fayyaa magaalaa Jaarteetti yaalamaa kan jiran ta’uun ibsameera.
Kana malees, hidhattoonni kunneen horii baay’inaan 40 ol ta’an saamanii deemuu fi hanga ammaatti qaamni hawaasa kanaaf birmate kan hin jirre oggaa ta’u, qaamni murna garboomfataa PP gama hidhattoota Amaaraa goraa waan jiruuf jiraattonni gandichaa sodaa fi yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen dabalataan himanii jiru.

