ONM-ABO Muddee 13, 2024
Nafxanyaan ilmaan Minilik Finxaaleeyyiin Amaaraa godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti deggersaa fi tumsa murna Bilxiginnaa dawoo godhachuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa suukkanneessoo ta’an garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.
Muddee 9, 2024 aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Haroo Lagootti gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’an nama maqaan isaa Obbo Tamee Tolasaa jedhamu halkan mana jireenyaa isaatii ukkaamsuun qarshii kuma dhibba jaha (600,000) irraa saamuun gadi dhiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaa keessatti irra deddeebiin ilmaan Oromoo butuun achi buutee dhabamsiisuu, qarshii hedduu gaafataa jiraachuu fi haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu cimsanii itti fufanii waan jiraniif addatti immoo aanaa Abee Dongoroo, Amuruu, Jaardagaa Jaartee fi kanneen biroo hedduu keessatti miidhaa ciccimaa geessisaa kan jiranii fi hawaasni naannawaa kanneenii yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uu dubbatu.

