ONM-ABO Hagayya 2, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun hidhattoota Amaaraa waliin ta’anii Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuun, ajjeesuun, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulquun gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Abee Dongooroo irraa Adoolessa 23, 2024 ganda Gaararoo fi Caroo jedhaman keessaa finxaaleeyyiin Amaaraa akkuma duraan ilmaan Oromoo garmalee miidhuun garaa qabbaneeffachuu baranitti namoota lama kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane butuun ukkaamsanii achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa himan.
Aanaa Jaardagaa Jaartee keessaa gandoota akka: Laga Miiccaa, Haboo Haroo, Harbuu Nagaasoo fi Dargee Kootichaa kanneen jedhaman yeroo ammaa rakkoo irra deddeebiin finxaaleeyyiin Amaaraa miidhaa geessisaniin yaaddoo fi sodaa hamaa keessa jiraachuu jiraattonni eeranii jiru.
Aanaa Amuuruu jalaa immoo gandoonni akka: Siiddan, Qilxuu Xuuquu, Siree Baarii, Waddeessa Diimaa fi kanneen biroo yaaddoo hamaa jala jiraachuu jiraattonni gandoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

