Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti hidhattoonni Faannoo ilmaan Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu itti fufan

ONM-ABO Amajjii 5, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gargaarsa soddaa isaanii Abiy Ahimediin caasaa isaanii diriirfatanii of ijaaruun, uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti gochoota gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa jiru.

Muddee 30, 2024 aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Bijjiit jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman halkan keessaa toora sa’a 9:00’tti qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Lammeessaa Bal’is jedhamu butuun achi buutee isaa dhabamsiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni Lammeessaa jedhamu kun bakka Dhukkee jedhamu irraa buna funaansaaf gara Bijjiit dhaqee akka ukkaamfame jiru dubbatu.

Exit mobile version