ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Bijjiit jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhuun socho’an, Amajjii 30, 2025 namoota maqaan isaanii Lataa Wadaajoo fi Nugusee Misikkir jedhaman ukkaamsuun achi buutee faana isaanii dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen boqqolloo cabsachuuf osoo deemanii kan butaman ta’uu himuun, abbaan Lataa Obbo Wadaajoon finxaaleeyyiima Amaaraa kanaan rukkutamee madaa’uun mana Yaalaa magaalaa Tullu Gaanaatti yaalamaa akka ture dubbatu.
Gandoota aanichaa hunda keessatti hidhattoonni Amaaraa hiraarsaa yeroo yeroon irratti raawwatamuuf yaaddoo hamaa keessa kan jiranii fi qaamoleen murna maafiyaa PP finxaaleeyyii kana gargaaruun hawaasa buqqisaa kan jiru ta’uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

