Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun qarshii hedduus irraa saamuu itti fufan

ONM-ABO Muddee 11, 2024 

Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhu moggaafachuun socho’an ammas godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabinaa isaanii raawwachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Doozerii Cabaa jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa dararaa hamaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Mudde 7, 2024 namoota maqaan isaanii: 

  1. Rabbirraa Obsaa,
  2. Abbittii Biraanuu,
  3. Daani’eel Akkumaa fi 
  4. Rabbumaa kanneen jedhaman butuun ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun tokko tokkoon isaanii irraa qarshii 700,000 irraa saamanii gadi dhiisuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen konkolaataan osoo deemanii kan ukkaamfaman ta’uu himuun, finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen ilmaan Oromoo ukkaamsuun qarshii guddaa gaafachuun kan yeroo jalqabaa kan hin taane ta’uu fi rakkoo ulfaataan jiraattota aanichaa irratti raawwachaa jiru hammaataa akka ta’e himu.

Exit mobile version