Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoorootti hidhattoonni Amaaraa Faannoon hawaasa Oromoo irratti saamicha raawwatan

ONM-ABO Sadaasa 15, 2024 

Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murna Bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun hidhattoota Amaaraa waliin ta’anii uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiru.

Gara jabeeyyiin ilmaan namootaaf gara laafina tokko illee hin qabne finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman Sadaasa 4, 2024 aanaa Abee Dongooroo ganda Hoomaa Gaalessaa jedhamu irraa nama maqaan isaa Obbo Aliyyii Abbaa Abdii jedhamu osoo baqatuu kufee harki isaa cabuun yeroof jalaa miliqus, faana isaa hordofuun mana isaa halkan dhaqanii “akkamitti nu jalaa baate?” jechuun qarshii 40,000 saamuu isaanii jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattootni himanitti, yeroo adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa meeshaa gurguddaa hidhachuun aanicha keessaa ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne raawwachuun rakkoo ulfaataa geessisaa jiraachuu dubbataniiru.

Exit mobile version